Dhaabbata Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa

Copyright © 2018 The Oromo Community Organization Of Pennsylvania.

Type your paragraph here.

                                                                                                                                                                         Guyyaa Amajjii 31/2020

Waajjira Muummicha Ministeera Itoophiyaatiif
Waajjira Bulchiisa Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
Qaama Dhimmisaa Ilaallatu Hundaaf, Bakka Jirtanitti.


IBSA EJJANNOO HAWAASA OROMOMOO PEENSILVAANIYAA HAALA YEROO ITOOPHIYAA IRRATTI

Hawaasni Oromoo Peensilvaaniyaa erga hundeeffamee kaasee hojiilee hawwaasummaa raawwatuun cinatti Oromoota biyyaa miidhamanii fi buqqahaniif gargaarsa garagaraa gochaa turuun keenya ni yaadatama.

Haala biyya keenya akkuma durii itti fufinsaan hordofaa akkuma jirru yeroo ammaa kana harka Mootummaa biyya bulchaa jira jedhuun ilmaan Oromoo Godinoota Dhiha Oromiyaa fi Gujii keessa jiran ajjeechaa, hidhaa fi gidiraa guddaan akka irra gahaa jiru miseensota keenyaa fi midiyaalee adda addaa irratti gabaafamaa jira. Rakkoon hamaan uummata nagaa irra gahaa jiru keessumaa zooni Qeellam Wallaggaatti addaan suukkanneessa akka tahe dhagahamaa jira. Tajaajilli telefoonaa fi interneetii naannoo kanatti addaan erga cite jiha tokkoo ol taheera. Miseensonni keenya hedduun sagalee maatii isaaniille kara itti dhagahan dhabaniiru. Odeeffannoo achii bahus sababa kanaan akka hawaasaatti sirriitti qulqulleeffachuu illee hin dandeenye. Waanti amma tahaa jiru kuni Hawaasa keenya baay’ee yaadesse, baay’ees dallansiisee jira. Haaluma kanaan gidiraa uummata nagaa irra gahaa jiru Hawaasni Oromoo Peensilvaaniyaa jabeesse kan mormuu fi kan dura dhaabbatu ta’uu, ibsa ejjennoo armaan gadiitiin mirkaneessa.


  1. Uummata nagaa qe’ee isaa irrati ajjeesuu, badii malee hidhuu fi dararuun mootummaa biyya bulchaa jiruun raawwatamaa jiru hattatamaan akka dhaabbattu cimsinee gaafanna.
  2. Dhiittaan mirga dhala namaa akka walii galaatti raawwataa jira jedhamu Qorannoo Walaba qaamota alaan (International Investigators)’iin hattattamaan akka godhamu gaafanna.
  3. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaahuun humna waraanaan biyya bulchuun balaa malee buhaa hedduu waan hin qabneef naannolee amma haala kanaan bulaa jiranitti olaantummaa seeraa eegsisuuf waraanni waan hin barbaachisneef  Komaand Poostiin irraa akka kahu ni gaafanna.  
  4. Mootummaan gaagahama amma gahaa jiruun namoota beelaan rakkachuu dandahan, qe’ee isaanii dhiisanii baqatanii fi baqataa jiran akka tumsu ni gaaffanna. Nutis kara kana gahee keenya ni baana.
  5. Rakkoo nagaa qaama hidhateen naannoo kanarra gahaa jira jedhamu yoo jiraate ammas maanguddoo Oromoo waliin qajeellummaa fi tokkummaan keessumaa uummata naannoo mari’achiisuun akka hiikamu gaafanna.
  6. fMootummaan yeroon amma kan cehumsaa akka taheefi aangoo inni amma qabu kan filannoon mirkanaahe akka hin taane hubatee Filannoo fuula dura keenya jiru dirree dimokiraasii ballisee xiyyafannoo guddaan filaannoon kun kan haqaa fi bilisa akka tahuuf irratti hojjetu gaafanna.


 Walumaagalatti mootummaan Itoophiyaa fi Oromiyaa uummata hunda ija tokkoon ilaalanii, isa tokko ofitti qabanii isa biraa immoo adabuun hafee, naannoo fi amantiin saba qoduun hafee rakkoo amma biyyatti keessatti babal’achaa jiruuf qajeelinaa fi gara bal’inaan mariin akka furuuf Abbootii Gadaa, Gaggeesitoota Amantaa, Paartilee Siyaasaa, Dargaggootaa fi qaama dhimmi isaa ilaallatu hunda waliin akka hojjetu gaafanna.  Dhuma irrattis, uummatni Oromoo, Oromiyaa fi biyya gara garaa jirtan akkasumas sabaa fi sablammiin biyya Itoophiyaa dararaa uummata nagaa dhiha Oromiyaa fi Gujii irra gahaa jiru kanaaf hafuura obbolummaa fi Oromummmaan akka bira dhaabbatan akkasumas warra sagalee dhabeef sagalee akka taataniif cimisinee isinitti dhaammanna.

Nagaa Waliin,

Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa

Philadelphia, PA & Lancaster, PA.​

                                                                                                                                         Guyyaa: 06/29/2020

 Akkuma karaa midiyaalee gara garaa dhagahaa jirru, artiistiin Oromoo beekamaa fi jaalatamaan Haacaaluu Hundeessaa guyyaa har’aa Waxabajjii 29, 2020 magaalaa Finfinnee naannoo galaan kondominiyam jedhamutti wareegameera. Hacaaluun weellisaa qofa otuu hin taane qabsaa’aa goota, bara hamaa keessa dukkanatti ija babaasee saba isaaf sagalee ta’uudhaan qabsoo finiinsa nama turedha. Ajjeechaan gara jabeenyaa qaroo saba keenyaa irratti raawwatame kanaan gadda nutti dhagahame ibsaa, maatii fi uummata Oromoo maraaf jajjabina hawwina. Tokkummaadhaan kaanee wareegama barbaachisu kafallee gumaa ilma keenya ni baasna. Amma yeroon yeroo itti boohan utuu hin taane, xiiqiidhaan kaanee, tokkuummaan sochoonee, ijaarsaa fi hidhannoo keenya jabeeffannee diina bara dhufaa dabraa ilmaan keenya nujalatti nyaachaa jiru kana hiddaan buqqisuuf sochoonu dha. Ni gaha! Waldaan hawaasa keenyaa walgahii arifaachisaa gama Zoom tiin qopheessinee dhimma kanaa fi haala yeroo Oromiyaan keenya keessa jirtu irratti isin mariisisuuf waamicha ni goona. 

Qabsaa’aan ni kufa, qabsoon itti fufa,

Waldaa Hawaasa Oromoo Pennsylvania,

Injifannoon Uummata Oromoof!

Nagaa Waliin,

 Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa
Philadelphia, PA & Lancaster, PA.

Ibsa Ejjennoo Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa,

​Ajjeefamuu Aartist Hacaaluu Hundeessa 

Ibsa Ejjennoo Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa,

​Haala Yeroo irratti, Amajji 31, 2020

Membership Fee Payment for 2022
Membership Fee Payment for 2022
Help Your Community
Oromo Community Organization of Pennsylvania