Pictures from PA

Summer Oromo Day, 2015

Help Your Community

                Oromo Day of Pennsylvania 2015

Philadelphia, Pennsylvania. May 24, 2015


The 1st Annual Pennsylvania Oromo Day Community celebration was held yesterday, May 23rd 2015 at Fairmount Park in Philadelphia, Pennsylvania.

Oromos and their families form across Pennsylvania and neighboring states wearing colorful Oromo cultural clothing attended the celebration.

 The event started with a soccer match where a team from Philadelphia played against a team from Lancaster. The visiting team from Lancaster winning the contest 3-0.

After the soccer match was concluded, lunch was served by the event organizers and volunteers and the second part of the event started with a moment of silence to commemorate the perished lives of many young Oromos and their neighbors in South Africa’s xenophobia, the brutal beheading of our immigrants by ISIS in Libya and the drowning of hundreds of migrants from capsize boats in the meditation sea.  The event continued with Oromo traditional blessings by two elders followed by entertainment from Oromo children with their cultural clothing, presenting a beautifully choreographed Oromo dances to a great admiration of the crowd.

The current chairperson of the Oromo Community of Pennsylvania, Mr. Mitiku Tolassa opened the event with a welcome message and a short speech about the organizations’ current status and its strategic directions to be an effective part of Oromos in the state and beyond. He also stressed the need for everyone’s effort to strengthen the community organization.

A delegation led by Dr. Desta Yabassa, the president of Oromo Community Organization of DMV (DC, Maryland, Virginia) attended the event and Dr. Desta shared the rich experience of Oromo community organizations of the DMV area and discussed the rewards and challenges of such organizations. Representatives from national and regional Oromo organizations for youth and woman also attended the event and spoke to the gathering about the importance of community organizations. The speakers stressed the need for a greater role of woman and the youth in strengthening local communities that could do great things not only to their communities but all Oromos at large.

The community organizers recognized an outstanding community member, Dr. Haile Hirpa for his relentless commitment and awarded him with Commitment Award.

The event was successfully completed on scheduled after a new membership registrations were held.

Dhaabbata Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa

Oromo Community Organization of Pennsylvania

Copyright © 2018 The Oromo Community Organization Of Pennsylvania.

Pictures from PA Summer Oromo Day, 2016

 PA Oromo Summer Day, Lancaster, PA (2018)

Hawaasni Oromoo Peensilvaaniyaa, Waxabajji gaafa 06/23/2018 magaala Lankaasteritti guyyaa Arfaasaa Oromoo (Oromo Summer Day) haala damaqinaan kabajachaa  oolleerra.  Kaayyoon guyyaa kanaa, miseensonni hawaasa keenyaa bakka tokkotti argamuudhaan aadaa fi eenyuummaa isaan akka calaqisiisaniif.  Guyyaan akkasii kun waggoota  darbanis kan ture yoo ta’u,   kan baranaa bifa addaan kabajamee jira.  Bara kana adda kan taasisu keessa tokko miseensonni hawaasa keenya bayyachaa deemuu fi jijjiramni hedduun argamuusaati. Bara kana, hawaasni keenya nagaa fi tasgabbiin akka kabajatuuf  haalli siyaasaa  biyya keenya keessa jirus abdii kan  namatti horuu ta’ee  waan argameef . Akkuma beeknu, hawaasni Oromoo Pensalvaaniyaa   lammilee keenyaf yeroo irra gara yerootti nuffii tokko malee bira dhaabbachaa   kan turee fi ammas  kan jiru  ta’uun isaa beekamaadha.  Haa ta’u malee, bara kana xiyyeeffannaan keenyi irra guddeessi isaa bu’aa  hawaasi miseesota isaaf kennuu fi  gaheen hawaasa maal akka ta’e irratti kan xiyyeeffate ture. Isa kana sirritti hubachuun, koreen hojii gaggeesituu Hawaasa Oromoo Pensalvaaniyaa, qophii yeroo dheeraaf gochuudhaan  akkataa itti  hawaasni keenya  barnoota fi hubannoo  barbaachisaa argatan irratti  bifa  adda addaan  qindeesinee hawaasni keenya fayyadamoo akka ta’an  gochuu yaalleerra.


Walumaa gala, guyyaan   Oromoo 2018 magaala Lankaasteer,  sochiiwwan (activities) gurguddoo  afur irratti kan bu’uurefate ture. 

1) QOPHII TAPHAA IJOOLLEE (Children Activities)

Hawaasni Oromoo Pensalvaaniyaa baayyachuu miseensota isaa irra ija kawwatee socho’a. Kanaaf, obbo Fiqiruu, Balaay fi Abbaa Caffee mijaa’ina sagnataa sochii ijoolleef gumaacha guddaa gochuu isaaniif galata guddaa qabu. Yeroo dheeraaf,  harmooliin( mothers) hedduun sababii   ijoolleef jedhanii walgahii hawaasa Oromoo irraa akka  hafaa turan hedduun keenya ni beekna. Rakkoo kana salphisuuf; koreen hojii gaggeesituu hawaasa keenyaa ciminaan furmaata barbaadaa turreerraa, ittis jira.  Akkasumas bakki walgahii yoo danda’ame ijoolleefi  mijaa’ina kan qabuu filachuun,  maatiin  rakko tokko malee akka isaan guyyaa isaaniitti    bashannan gochuu yaallee jira.  Gara fuula durattis ciminaan itti fufnee hojjenna jennee amanna.   Bara kana guyyaa Oromoo   darban irraa adda kan taasisu keessa tokko ijoolleen keenya sochii ADAA (cultural activities) adda addaa irratti akka qooda fudhatan goonee jira. 


 2) BARNOOTA FI   MISEENSOTA HAWAASA OROMOO PENSALVAANIYAA
Barnoonni lafee dugdaa(back bone ) hawaasa  kamii akka ta’e Dr Admaasu Tuchoo miseensi koree Boordii hawaasa Oromoo Dr Admaasu   dubbatan. Hawaasni barnoota irratti hin hundoofine ykn hin ijaaramne,  kufaadhaa jechuun miseensotaaf  dhamsa  guddaa  akkas jechuu dabarsa .  “ Barattootaaf, barsiisaan inni jalqabaa maatii  yookiin warra barattootaa ti!’ jedhan. Barattoonni fi maatii isaanii   erga waliin  hojjetanii, hawaasni immoo akka hawaasstti maatii fi ijoolle bira dhabbachuun dirqama akka ta’es sirritti hubachiisaniiru.  Kanaaf, hawaasni Oromoo Pensalvaaniyaa yoomiyyuu caalaa barnoota fi faayidaa isaa bu’uurefatee sochuu akka qabu sirritti hubatamee jira. Akkasumas, barattoota onnachiisuuf jajjabeessuf jecha bara kana barattoota   sadarkaa lammaffaa (high school), kollejjii(yunversiitii), fi   ogummaa fi tekinikaa adda addaa irraa eebbifamaniif hawaasni keenya maatiifi barattootaan baga gammaddan jechuun yaadateera(recognize) godheera.  Itti aansuudhanis, baratoota  yunversiitii irraa eebbifamaniin, fuula durattis  <website>   keenya irratti maxxansuuf qophii gochaa jira.


3) HEALTH CARE AWARENESS

Dura ta’aa    hawaasa Oromoo Pensalvaaniyaa kan turan obboo Mitikuu(Kibiruu) Tolosaa, fayyaa ofii eegachuun jalqa waan hundumaa akka ta’u hubachiisaniiru. Kaanaaf, ogeesooni fayyaa adoeeffanoo fi barnoota bifa kamiinuu kennuun miseensota keenyaf hubannoo gama adda addaan ijaaruun akka isaan fayyaa isaaniif eeggannoo godha hubachiisuun dirqama nammummaa fi lammummaati jedhani dhamsa dabarsaniiru . Gumaacha <Penn Medicine > nuuf gumaache irraa qooda fudhachuukootti hedduun gammada    jechuun gammachuu isaa daran ibsatee booda   ogeesota fayyaa fi gumaacha <Penn Medicine > hedduu galatefateera.  Isaanis Sister Rahel, Tittii fi Obsee dha. 


4) COMMUNITY SERVICES AND COORDINATION (TAJAAJILA HAWAASA KEENUU FI QINDOOMINAAN HOJJECHUU

Tajjajilli hawwaasumaa  of kennuu irraa jalqaba jedhu dura ta’aan koree hojii gaggisituu hawaasa oromoo obbo Baatii Ayyaana. Kana kan dhugoomsu , hojiin  obbo Balay ragaadha jedhe. Tajaajilaa obbo Balaay hawaasaf   gumaacheef  konkolaata tokko qabuu Oromoo naanno Somaale irraa buqqahaniif akkasumas badhaasa konkolaata biraa Obbo Baqqalaaf kenneef  hawaasni keenya badhaasa addaa (recognition award) isaaf kennee jira. Haaluma wal fakkaatuun gareen harmoolii gumaacha bara 2018 gumaachaniif kessumaa sagantaa gargaarsa buqqaatotaaf mana ijaaruu godhaniif badhaasa kana isaaniif kennameera. Jajjabinii fi  dadamaqinsi akkasii cimee akka itti fufu   shakkii hin qabnu.

Miseensi koree bojii hawaasa Oromoo kan ta’an obbo erga guddaa fi  misiraachoo guddaa of keessa qabu hawaasatti erga himanii booda , miseenonnis carraa akkas kanatti  akka fayyadaman cimsanii hubachiisaniiru. Abbootiin  daldalaa (business owners), oggeessoni  bitaafi gurgurtaa manaa (Real Estators) fi obbootiin hootelaa( restaurant  owners),  hojii akkasii ciminaan akka  hawaasa keenya barbsiisan akkasumas miseensonni hawaasa keenyas   akka itti  fayyadamiif gorsa guddaa kennanii jiru. Obbo Dandiin,     eeyyama  mana bittaafi  gurguruu (  licensed real estate)  akka ta’ee himuun yoomillee   dandeettifi beekumsa qabuun  tajaajiluuf  qophii akka qaban  himanii jiru. Inni biraa  , waa’ee   ijaarsa maatii irratti  hawaasni keenya ciminaan akka hojjetu ture. Yoo maatiin  jabaatee hin jiraanne, hawaasni jabaachuu hin danda’u.   Keesumaa,   baratootaa fi ijoolleen  keenya hawaatti dabaluun akk isaan rakkoolee gama adda addaan  dhufan iraa  baraaruuf hawaasni akka cimsee hojjetu   miseesoni  adda addaa himanii jiru.   Keesumaa balaa   sammuu (mental health, dhugaatii hin mallefi  qorichoot sammuu  hadoochan ( substance abuse, addiction and  alcohol)  irraa akkamitti dhaloota keenya akk baraarsinu irratti hojjechuun   baayyee  barbaachisaa akka ta’e  hubannee jirra.

Ibsa ejjennoo Hawaasni oromoo pensilvaaniyaa dhimma master plaanii Finfinnee irratti baase

Hawaasni Oromoo Pensilvaniyaa yaa’ii keenya idilee lammaffaa kan bara 2015 Sadaasa 28, 2015 tiif magaala Lancaster, Pennsylvania tti yemmu walgeenyetti dhimma master plaanii Finfinnee irratti marii bal’aa taasisnee jirra. Marii kana irratti Oromoonni steetota ollaa kanneen akka New Jersey, Delaware, Maryland fi New York irraa dhufan irratti hirmaataniiru. Keessummaa kabajaa ta’anii kan affeeraman miseensa boordii OMN fi Presidentii OSA si’anaa kan ta’an Obbo Heenok Gabbisaa marii kanaratti argamuudhaan qabxiilee jajjaboo master plaaniin kun of keessati qabu, rakkoolee inni Ormoo irraan gahu akkasumas gaheen Oromoo kan biyya keessaf alaa maal ta’uu akka qabu waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Haaluma Kanaan ibsa ejjennoo qabxii ja’a qabu baasuudhaan marii kana xumuraniiru. Isaanis:-         
1.Hawaasni Oromoo Pensilvaaniyaa fi naanoo isaa jiraannu maqaa master plaanii qindaahaa jedhuutiin saamicha lafaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiruufi raawwatamuuf adeemu jabeessinee ni balaalefanna.      
2. Maaster plaaniin jedhame kun akka akeekametti yoo hojii irra oole Oromoota naannoo sana jiraatan qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqisuu irra darbee adaa, seenaa, duudhaafi eenyummaa saba Oromoo handhuura Oromiyaa irraa kan buqqisaa adeemu ta’uu waan hubannee hawaasni Oromoo adunyaa mara irra jiru dhimmi kana yaada tokkoon akka dura dhaabbatu gaafanna.        
3. Nuyi Oromoonni Pensilvaaniyaafi naannoo ishee jirannu dhimmi kana mormuu duwwaa otuu hin taane gara fuula duraatti akkaataa barbaachisetti yaadaa fi qabeenya keenya Oromoota naannoo biraa waliin qindeessuudhaan tattaafiilee master plaaniin kun akka hojiirra hin oolle taasifaman hundaa deeggaruudhaaf yaada tokkoon walii galleerra.
4. Yeroo waa’een Maaster plaanii kanaa as bahee eegalee ilmaan Oromoo dhimma kana mormuudhaan haga wareegama lubbuutti kafalaniif ammas kafalaa jiraniif kabajaan ol aanaa isaaniif qabnu ibsaa, kanneen yakka ajjeechaafi daraaraa kana ilmaan Oromoo irratti raawwataniif raawwachaa jiran seeratti fiduudhaaf tattaaffii taasifamu hundumaa ni deeggarra.               
5. Dhaabbileen deeggartoota misoomaa addunyaa gara garaa kanneen akka World Bank fi kkf proojectii duguuggaa sanyii irraa gadi hin taane kana maallaqaan deeggaruu irraa akka of qusatan ni gaafanna.        
6. Dhuma irratti bulchiinsi magaalaa Finfinnees ta’e mootummaan federaalaa itiyoophiyaa feedhii uummata Oromoo cinaatti dhiisanii maasterplaanii kana hojii irra oolchuuf aggaamuun  akkasumas yeroo ammaa barattoota Oromoo dhimmi kana mormuun karaa nagaa sagalee isaanii dhageessisuuf bahan hidhuu, dararuufi ajjeesuun tuffii uummata Oromoof qaban daraan kan ifa baasu ta’uu hubatanii dhimma kana irraa hatattamaan akka of qusatan ni gaafanna.  
Keessummaa kabajaa ka biraa ta’anii kan afeeraman Professor Asmerom Legesse qorataan dhimmi Gadaa Oromoo yaa’ii kana irratti argamanii waa’ee sirna gadaa Oromoo booranaa akkasumas walitti hidhata Mootummaa durii Meroyee (Meroe kingdom of the Kushite’s) fi uummata Ormoo gidduu jiru kan dhiyeenya kana qorannaadhaan argatan dhiyeessaniiru.

Yaa’iin Haawaasa Oromoo Pensilvaniyaa fi naannoo ishees kan lammafaa kan bara 2015 haala ho’aa akkanaa fi milkiidhaan xumurameera.

Pictures from PA Summer Oromo Day, 2018

Membership Fee Payment for 2022
Membership Fee Payment for 2022

Pictures from PA Summer Oromo Day, 2019