Membership Fee Payment for 2022
Membership Fee Payment for 2022
Help Your Community

Dhaabbata Hawaasa Oromoo Peensilvaaniyaa

Oromo Community Organization of Pennsylvania

Copyright © 2018 The Oromo Community Organization Of Pennsylvania.

Ibsa ejjennoo Hawaasni oromoo pensilvaaniyaa dhimma master plaanii Finfinnee irratti baase

Hawaasni Oromoo Pensilvaniyaa yaa’ii keenya idilee lammaffaa kan bara 2015 Sadaasa 28, 2015 tiif magaala Lancaster, Pennsylvania tti yemmu walgeenyetti dhimma master plaanii Finfinnee irratti marii bal’aa taasisnee jirra. Marii kana irratti Oromoonni steetota ollaa kanneen akka New Jersey, Delaware, Maryland fi New York irraa dhufan irratti hirmaataniiru. Keessummaa kabajaa ta’anii kan affeeraman miseensa boordii OMN fi Presidentii OSA si’anaa kan ta’an Obbo Heenok Gabbisaa marii kanaratti argamuudhaan qabxiilee jajjaboo master plaaniin kun of keessati qabu, rakkoolee inni Ormoo irraan gahu akkasumas gaheen Oromoo kan biyya keessaf alaa maal ta’uu akka qabu waraqaa qorannoo dhiyeessaniiru. Haaluma Kanaan ibsa ejjennoo qabxii ja’a qabu baasuudhaan marii kana xumuraniiru. Isaanis:-         

1. Hawaasni Oromoo Pensilvaaniyaa fi naanoo isaa jiraannu maqaa master plaanii qindaahaa jedhuutiin saamicha lafaa ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiruufi raawwatamuuf adeemu jabeessinee ni balaalefanna.      

2. Maaster plaaniin jedhame kun akka akeekametti yoo hojii irra oole Oromoota naannoo sana jiraatan qe’eef qabeenya isaaniirraa buqqisuu irra darbee adaa, seenaa, duudhaafi eenyummaa saba Oromoo handhuura Oromiyaa irraa kan buqqisaa adeemu ta’uu waan hubannee hawaasni Oromoo adunyaa mara irra jiru dhimmi kana yaada tokkoon akka dura dhaabbatu gaafanna.        

3. Nuyi Oromoonni Pensilvaaniyaafi naannoo ishee jirannu dhimmi kana mormuu duwwaa otuu hin taane gara fuula duraatti akkaataa barbaachisetti yaadaa fi qabeenya keenya Oromoota naannoo biraa waliin qindeessuudhaan tattaafiilee master plaaniin kun akka hojiirra hin oolle taasifaman hundaa deeggaruudhaaf yaada tokkoon walii galleerra.

4. Yeroo waa’een Maaster plaanii kanaa as bahee eegalee ilmaan Oromoo dhimma kana mormuudhaan haga wareegama lubbuutti kafalaniif ammas kafalaa jiraniif kabajaan ol aanaa isaaniif qabnu ibsaa, kanneen yakka ajjeechaafi daraaraa kana ilmaan Oromoo irratti raawwataniif raawwachaa jiran seeratti fiduudhaaf tattaaffii taasifamu hundumaa ni deeggarra.               

5. Dhaabbileen deeggartoota misoomaa addunyaa gara garaa kanneen akka World Bank fi kkf proojectii duguuggaa sanyii irraa gadi hin taane kana maallaqaan deeggaruu irraa akka of qusatan ni gaafanna.        

6. Dhuma irratti bulchiinsi magaalaa Finfinnees ta’e mootummaan federaalaa itiyoophiyaa feedhii uummata Oromoo cinaatti dhiisanii maasterplaanii kana hojii irra oolchuuf aggaamuun  akkasumas yeroo ammaa barattoota Oromoo dhimmi kana mormuun karaa nagaa sagalee isaanii dhageessisuuf bahan hidhuu, dararuufi ajjeesuun tuffii uummata Oromoof qaban daraan kan ifa baasu ta’uu hubatanii dhimma kana irraa hatattamaan akka of qusatan ni gaafanna.  

Keessummaa kabajaa ka biraa ta’anii kan afeeraman Professor Asmerom Legesse qorataan dhimmi Gadaa Oromoo yaa’ii kana irratti argamanii waa’ee sirna gadaa Oromoo booranaa akkasumas walitti hidhata Mootummaa durii Meroyee (Meroe kingdom of the Kushite’s) fi uummata Ormoo gidduu jiru kan dhiyeenya kana qorannaadhaan argatan dhiyeessaniiru.


Yaa’iin Haawaasa Oromoo Pensilvaniyaa fi naannoo ishees kan lammafaa kan bara 2015 haala ho’aa akkanaa fi milkiidhaan xumurameera.